Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)- Dhalatoonni naannoo Tigraay magaalaa Finfinnee jiraataan raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, nuti dhalattoonni naannoo Tigraayii yeroo mara Ityoophiyaaf gootaa, gareen shororkeessaa ABUT uummataa naannoo Tigraayiin bakka hin bu’uu jedhaniiru.
Dhalatoonni naannoo Tigraay magaalaa Finfinnee jiraataan dhiiga arjoomuun raayyaa ittisa biyyaa cinaa akka dhaabbatan mirkaneessaniiru.
Hogganaan Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay obbo Haftaay G/Igzaabiheer raayyaa ittisa biyyaa lubbuusaa laatuuf dhiiga kiyyaa arjoomuun natti toleera jedhaniiru.
Zaman Bayyaneetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.