Dhala namaa hojii gaarii fi namuusni isaa akka kabachiisu Eebbifamoo Abunee Marqooreewoosirra baratamuu qaba- Muftii Hajii Umar Idiriis

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis tokkummaa fi walkabajuun ajjeechaafi buqqaasuu dhabsiisuu qabna jedhaniiru.

Muftii Hajii, sirna gaggeessaa Reeffa Paatriyaarkii 4ffaa Mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Ityoophiyaa Qulqulluu Abunee Marqooreewoos irratti argamuun gaddaa guddaan akka isaanitti dhagahamees ibsaniiru.

Dhala namaa kan kabajuufi kabachiisu hojii isaa, nama yaaduufi yaalii inni taasisus jedhan.

Kanaafis dhala namaa hojii gaarii fi namuusni isaa akka kabachiisu isaanirra barachuu qabna jedhaniiru.

Mootummaa irra jalqabe abbootiin Amantaa Kiristaanaafi Muusilimaa wal jaalachuunifi kabajuun ajjeechaafi buqqaa’insaa dhabsiisuu akka qaban waamichaa dhiyeessan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment