Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Dhaabbileen Chaayinaa Buna Itiyoophiyaa baay’inaan bituuf fedhii qabaachuu beeksisan.
Jilli Mana Maree Daldalaa, Tumsa Diinagdee fi walitti Hidhamiisa Afrikaa Chaayinaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa fi Dhaabbilee Alergitoota Bunaa waliin mari’ateera.
Kaayyoon marichaa hariiroo Daldalaa Chaayinaa fi Ardiichaa gidduu jiru saffisiisuuf akka ta’e ibsameera.
Fedhii daldalaa Itiyoophiyaa waliin qaban ibsuun, Daldalaa Bunaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan bara faranjootaa 2025tti Buna sadarkaa 4ffaa Toonii kuma100 ol bituuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.
Bara darbe Chaayinaan Buna Toonii kuma 12 ol bituun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia