Dhabamuu nageenyaa mul’atu hambisuu fi hojii wabii nyaataan of danda’uu dhugoomsuuf qindoominaan hojjechu barbaachisa-Obbo Agaanyahu Tashaagar

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Dhabamuu nageenyaa biyya keenyatti mul’atu hambisuu fi hojiilee wabii nyaataan of danda’uu eegalaman firii akka argamsiisaniif qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Afyaa’iin Mana Mare Federeeshinii Obbo Agaanyahu Tashaagar ibsan.

Afyaa’ichi bara haaraa 2015 ilaalchisuun sabaa fi sablammootaa Ityoophiyaa maraan ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin barri haaraan olkaa’iinsa Ityoophiyaa dhugoomsuuf Ityoophiyaanonni damee hundaan taattaafachuu fi nageenya biyyaa, badhaadhinaa fi tokkummaaf bu’uura kaa’aan akka ta’uu hawwaniiru.

Aadaawwan, afaanota, amantaalee fi eenyummaa hedduu kan qabdu Ityoophiyaan calaqqee sabdanessummaa fi faaya; tokkummaa ammoo jabina ishee taasifachuun baroota dheeraaf kan jiraattee ta’uu yaadachiisan.

Barri haaraan marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf, qaamoleen dhimmi ilaallatuu tasgabbiin , bilchinaan, bal’isanii yaaduu fi qajeelfama kennanii-fudhachuun, dhabamuu nageenyaa Ityoophiyaan keessa seente keessa baasuun gara olka’iinsaa ishee duraatti akka deebitu taasisuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

“Ityoophiyaanonni heddummina isaanii faayaa fi hawwaannaa malee daangaa garaagarummaaf utuu hinoolchin akkuma abbootii darbanii, waldanda’uu fi waltumsuun tokkummaan jabaatanii dhaabbachuun seenaa boonsaa keenya eegsisuu qabna“ jedhaniiru.

Keessumaa yeroo ammaa diinota alaa fi baandota keessaan waraana diigumsaa biyyatti aggaamame tokkummaan fashaleessuu fi dhaabuu qabna jechuun himaniiru.

“Kana cinaattis hojiilee wabii nyaataan of danda’uu, tola ooltummaa, ashaaraa magariisaa cimsuun gama maraan biyya hinsochoonee fi sodaatamtuu uumuun nurraa eegamaa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment