Dhaadannoowwan Bitooteessa 24 hiriira deeggarsaa Godina Booranaatti gaggeefame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- hirriirri deeggarsaa injifannoowwan Bitooteessa 24, 2010 booda argamaan deeggaruuf hiriirri deeggarsaa Godina Booranaatti gaggeefameera.
 
Hirriiricharratti jiraattonni godinicha “Imala Badhaadhinaa tokko taanee jalqabnee tokko taanee fiixaan baafna”, “Bitooteessi 24 siidaa bilisummaafi walqixxummaa uummattoota Ityoophiyaati”, “Injifannoo jijjiiramaan arganne tokkummaan itti fufsiisuun badhaadhina hunda galeessa ni dhugoomsina”, “Abbichuu ilma Abbaa Gadaa si waliin jirra” fga’aan dhageessifamaniiru.
 
Dabalataanis, “Dheebuun angoo finxaaleeyyii hin milkaa’u”, “Tokkummaan keenya shira diinaatiin hindiigamu”, “Imalli keenya irree tokkoon gara fuula duraatti itti fufa”, “Kan Biyya diigu dura dhaabbannee ni mormina” kanneen jedhan dhageessifamaniiru.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment