Dhaabbileen waamamtoota Waajjira Ministira Muummee Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa Naannoo Tigraayitti eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Dhaabbileen waamamtoota Waajjira Ministira Muummee Tajaajila Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa naannoo Tigraayitti eegalchiisaniiru.

Tajaajilicha Gorsaan Nageenyaa Ministira Muummee Dooktar Qana’aa Yaadataa fi Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan magaalaa Maqaleetti Manneen harka qalleeyyii haaromsuun eegalchiisaniiru.

Tajaajila Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa har’a naannichatti eegale kanarratti Dhaabbileen Waamamtootaa Waajjira Ministira Muummee 11 ta’an irratti kan hirmaartan ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiin Kaasan himaniiru.

Hojii kanaafis dhaabbileen kunneen Birrii miiliyoona 23 naannichaaf galii taasiisuun himameera.

Mootummaan Tajaajila Tola ooltummaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetaa jiraachuu Gorsaan Nageenyaa Ministira Muummee Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsaniiru.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetachoo Raddaan dhaabbilee kanneen galateeffachuun, yoo waltumsine jireenya lammiilee jijjiiruu ni dandeenya jedhan.

Hojiin tola ooltummaa kun cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Saamu’eel Warqaayehutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment