Dhaabbileen teeknooloojii Ityoophiyaa fi Hindii qindoominaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Dhabbilee fi ogeessoonni teeknooloojii Ityoophiyaa fi Hindii walta’insa qindoominaan hojjechuuf isaan gargaaru uumaan

Guyyoota shaniif gaggeeffamaa kan ture fooramiin walitti hidhamiinsa gabaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoo-Hindii rawwaateera.

Kanaaniis, walitti hidhamiinsa gabaa innooveeshinii fi teeknooloojii uumuu fi cee’umsa taasisuuf waliigaltee Ityoophiyaa fi Hindi gidduutti uumame gara hojiitti galameera.

Bu’uuruma kanaan ogeessoonni teeknooloojii Hindii 25 fi dhaabbileen 57 ogeessotaa fi dhaabbilee Ityoophiyaa waliin hojjechuuf walii galtee uumuu ministeerri innooveshinii fi teeknooloojii beeksiseera.

Comments (0)
Add Comment