Dhaabbileen tajaajilaa ayyaannni rakkoo malee akka kabajamaniif qophii barbaachisaa taasisu ibsan

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Ayyaana Du’aa ka’uu fi Iid Alfaxir rakkoo tokko malee akka kabajamaniif dhaabbileen tajaajilaa bishaan, elektirikii fi kanneen biroon qophii barbaachisaa gahaa taasisuu beeksisaniiru.

Hoji Gaggeessaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiratuu Bayyanaa akka ibsanitti waqtii ayyaanaatti addaan ciccitiinsa tajaajila bishaanii fi elektirikii hambisuuf bakkoota sodaan jiru adda baafamanii hojiileen suphaa hojjetamuu ibsaniiru.

Qophii ayyaanaa ilaalchisuun karooraa dhaabbilee tajaajilootaarratti wayita mari’atametti addaan ciccitiinsa tasa mudatuuf deebii hatattamaa kennuuf gareen teeknikaa gurmaa’uu ibsaniiru.

Gama ittisaa balaa ibiddaa fi qophaa’umma jiruunis hojiileen hubannoo hawaasa gabbisuu hojjetamaa jiraachuu fi balaa wayita ayyaanaatti mudachuu malaniif qophiin duraa barbaachisaan taasifamuu eerameera.

Ayyaanota Du’aa Ka’uu fi Iid Alfaxiir kabajaman nagaa fi tasgabbiin, gammachuu fi jaalalaan akka kabajaman dhaabbileen tajaajilootaa itti gaafatama olaanaan akka hojjetan Obbo Xiratuun hubachiisuu ragaan Waajjiraa Hoji Gaggeessaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment