Dhaabbileen Siiviilii Hawaasaa hojiilee misoomaarratti ga’ee olaanaa ba’achaa jiru- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014(FBC)- Dhaabbileen Siiviilii Hawaasaa hojiilee misoomaa mootummaafi abbootii qabeenyaan hin uwwifamne hojjechuun ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Paartilee Siyaasaafi Waldaalee Siiviilii  Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii FDRIfi dhaabbilee waamamtootaa mata duree “Ashaaraa Keenya Dhaloota Keenyaaf” jedhuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan magaalaa Buttaa Jiraatti biqiltuu dhaaban.

Jijjiirama biyyaalessaan dura dhaabbileen Siiviilii hawaasaa akka farra nageenyaafi basaastuutti ilaalamaa kan turan ta’uu fi yeroo ammaa mootummaafi qaamolee dhimmamtootaa biroo waliin ta’uun itti gaafatamummaa biyya misoomsuu ba’achaa jiraachuu Dooktar Alamuun eeraniiru.

Biyyi kan badhaatu dandeettiifi qabeenya uumamaa waliin qindessuun faayidaarra oolchuun ta’uu kaasuun, sagantaan ashaaraa magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa eegsisuuf biqiltuu dhaabuurra darbee waliin jireenyaafi obbolummaa cimsuun Ityoophiyaanonni akka walbaraniifi carraa kan uume ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Ittaanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa obbo Faasikaa Mollaan, Dhaabbileen Siiviilii Hawaasaa misooma biyyaaf dammaqinaaniifi haala bifa qabuun hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment