Dhaabbileen siiviikii Ityoophiyaa teessoo isaanii Ameerikaa fi Awrooppaa taasifatan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu garee yakkamaa ABUTirratti fudhatamaa jirurratti hubannaa uumuufi

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) Dhaabbileen siiviikii Ityoophiyaa teessoo isaanii Ameerikaa fi Awrooppaa taasifatan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu garee yakkamaa ABUTirratti fudhatamaa jirurratti hubannaa uumuuf hojjechaa jiraachuu beeksisan.

Hawaasni idil addunyaa dhimmicha akka hubatuu fi deeggarsas akk taasisu hojjetamaa jiras jedhaniiru dhaabbileen addaddaa lakkoofsan saddeet t’an.

Xalayaa hubannaa uumuu isaaniis Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,, dhaabbilee miidiyaa fi dhaabbilee idil addunyaatif dhiyeessaniiru.

Tarkaanfiin fudhatamu olaantummaa seeraa kabachiisuuf malee waraana walii waliinii akka hin taane, mootummaan dirqamee kan itti gale xalayaa isaanitiin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

 

 

Comments (0)
Add Comment