Dhaabbileen Raashiyaa Itiyoophiyaatti damee inarjiirratti bobba’uu barbaadu-Vilaadmiir Putiin

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Dhaabbileen Raashiyaa Itiyoophiyaatti damee inarjiirratti bobba’uu akka barbaadan Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin eeran.

Pireezidaanti Putiin Hoggantota Dhaabbilee Miidiyaa Biyyoota miseensa BRICS waliin turtii taasisaniin, hariiroo damee hedduu Itiyoophiyaa fi Raashiyaa ilaalchisuun gaaffii Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet irraa dhiyaateef deebii kennaniiru.

Deebii kennaniin Itiyoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo aadaa fi amantaa akkasumaas ummataa fi ummataa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Damee invastimantiinis dhaabbileen biyyattii Itiyoophiyaatti damee inarjiirratti bobba’uu akka barbaadan ibsanii, dhimmicha ilaalchisuun Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin marii bal’aa taasisuu himan.

Itiyoophiyaa dabalatee barattoota Afrikaarraa dhufan Raashiyaatti akka baratan himuun, turtii isaaniin afaan, aadaa fi duudhaa Raashiyaa baranii akka deebi’an kaasan.

Raashiyaan biyyootaa Afrikaa waliin hariiroo qabdu daran cimsuufis kan hojjetan ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment