Finfinnee, Eebla 14, 2015 (FBC) – Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dhaabbilee Raashiyaa waliin marii Damee Diinagdee Diijitaalaa Ityoophiyaarratti hirmaachuuf dandeessisu taasise.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin jila Raashiyaa Biyyoota Afrikaatti dura Taa’aa Komishinii Diinagdee Igoor Mooroonoozooviin durdamu waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota ijaarsa Diinagdeee Diijitaalaa cimsanii fi Teeknooloojii Diijitaala fayyadamuuf qulqullina barnootaa fooyyeessuurratti mari’ataniiru.
Haqa qabeessummaa fi waliin gahiinsa Barnootaa mirkanneessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisarratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.