Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Dhaabbileen garaagaraa Pirojektii “Maaddiin Dhalootaaf” deeggarsa taasisuu ammallee itti fufaniiru.
Waajjirri Muummee Ministiraa dhaabbileen garaagaraa deeggarsa taasisan marsaa 5ffaaf ifoomseera.
Haaluma kanaan Indaastirii Motaroota Reedawaa Birrii Miiliyoona 15 tumsa taasiseera.
Dabalataan Kaantirii Tireediingi, Paarkii Indaastirii Iistarni, Huudayab Jeneraal Tireediingi, Aluuminiyamii B And C, Kubbaaniyyaa Sheerii Ayaat, Yirgaa Haayilee fi Maatii Isaa, DMC Tireediingi, Qarcaanshee Tireediingi, Kiim Kiwaanwoo, Bayaan Ibro Abdallaa, Akkoordiyaa Tireediingi Waldhaa Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan Isaa Murtaa’e fi Konistiraakshinii fi Tireediingi TNT, tokkoon tokkoo isaanii Birrii miiliyoona 10 tumsa taasisaniiru.
Waajjirichi waamichicha simachuun dhaabbilee deeggarsa taasisan galateeffateera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.