Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Paarkii Indaastirii Kombolchaa keessa jiran 3 guutumaan guutuutti gara hojiitti galuun oomisha isaanii gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluu ibsame.
Dhaabbilee Paarkicha keessatti argaman afur garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’ee turuu fi yeroo ammaa dhaabbileen 3 guutumaan guutuutti hojiitti galuun oomishaalee isaanii gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluu ibsameera.
Hojii gaggeessaan Paarkii Indaastirii Kombolchaa obbo Mulugeetaa Makonnin dhaabbanni hafe tokko yeroo dhiyootti hojii kan eegalu ta’uu eeraniiru.
Paarkichatti lammiilee kuma 3 oliif carraan hojii uumamuu fi kanneen keessaa 90% gara hojiitti deebi’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen gama sharafa alaa argamsiisuun hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Baatiiwwan sadan Adoolessa hanga Fulbaanaatti Doolaara Miiliyoona 3 fi kuma dhibba 9 ol argamsiisuu ibsaniiru.
Kadir Mahaammadtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.