Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Dhaabbileen oomishaafi abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti akka hirmaataniifi warreen jiranis hojiilee invastimantii isaanii akka babal’isan Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwanii waamicha dhiyeesse.
Korporeeshinichi Chaayinatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa, Imbaasichatti hogganaa miisiyoonii akkasumas hoggantoota faayinaansiifi diinagdee waliin filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti gama viidiyoo konfiransiin mari’ataniiru.
Ittaanaa Hojii Raawwachiisaa OIaanaa korporeeshinichaa obbo Shifarraaw Salamoon dabalatee hoggantoonniifi ogeeyyiin damichaa maricharratti hirmaataniiru.
Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan, filannoowwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessatti argaman beeksisuuf hojii korporeeshinichi hojjechaa jiru dinqisiifachuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.