Dhaabbileen oomisha boba’aa Raashiyaa, Chaayinaa fi EAG mootummaa waliin mari’achaa jiru-Ministira Albuudaa

Dhaabbileen oomisha boba’aa Raashiyaa, Chaayinaa fi EAG mootummaa waliin mari’achaa jiru-Ministira Albuudaa

Finfinnee, Amajjii 4, 2015(FBC)-Qabeenya albuudaa Ityoophiyaarratti dhaabbileen oomisha boba’aa idil addunyaa guguddaan Raashiyaa, Chaayinaa fi Emereetotaa Arabaa Gamtoomanii mootummaa waliin mari’achaa jiraachuu Ministeerri Albuudaa ibse.

Ministirri Ministeera Albuudaa injiinar Taakkalaa Uumaan raawwii baatiiwwan ja’an darbaniirratti ibsa kenneera.

Ibsa isaaniin baatiiwwan ja’an darban eeyyamni invastimantii albuudaa 25 kennamuun eeruun kana keessaa 22 invastimantii qorannoo albuudaa fi 3 ammoo oomisha albuudaa ta’uun ibsameera.

Baatiiwwan ja’an darbanitti oomishni Warqee kiiloo giraamiin kumni 1 fi 910.5 oomishamuun ibsameera.

Oomishi Warqee gabaaf dhiyaataan irraa caalaan dhaabbileen yoo ta’u, oomishni aadaan oomishamee dhiyaatu hir’achuun ibsameera.

Kunis daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii oomisha Warqee mala aadaan oomishamurratti mul’atuun ta’uun eerameera.

Kontirobaandii oomisha Warqeerratti mul’atu qajeelchuuf naannolee, Komishinii Gumurukaa, qaamolee nageenyaa waliin hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Qabeenya boba’aa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennameen dhaabbileen oomisha boba’aa idil addunyaa guguddoon Raashiyaa, Chaayinaa fi Emereetota Araba Gamtoomanii mootummaa waliin mari’achaa jiru jedhameera.

Boba’aatti dabalataan albuudaa Pootaashiirratti dhaabbileen biyyootaa garaagaraa invastimantiirraa bobba’uuf hojiitti seenaa jiraachuun ibsameera.

Oomisha sibiilaanis kilaastaroonni qabeenyaa sibiilaa shan addaa baafamuun bakkeewwan garaagaraattis hojiin qotanii baasuu eegalamaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment