Dhaabbileen odeeffannoo Sudaanii fi Ityoophiyaa tasgabbii naannawaarratti mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Dhaabbileen odeeffannoo Ityoophiyaa fi Sudaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaa cimsuurratti mari’ataniiru.

Tajaajillii Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa, dhaabbata gitaa isaa Sudaan waliin tasgabbii fi nageenya naannawa Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf hojiilee walta’iinsaan hojjetanii fi boba’iinsa jiruu cimsanii itti fufuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuun waliigalteerra ga’uun ibsameera.

Tajaajilli Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa ibsaa FBC’f ergeen jilli Daayrektara Jeneraalaa Dhaabbataa Intalajansii Sudaan Leetenaal Jeneraal Ahimad Ibiraahimiin durfamu Dhaabbaticha daawwateera.

Daawwannaa boodaas waltajjii marii gaggeessaniin biyyoonni lameen akkasumas dhimmoota haala yeroo nageenyaa fi tikaa ilaalchisee mari’achuun, kallattiiwwan furmaataas kaa’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment