Dhaabbileen odeeffaannoo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa waliin hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – Dhaabbileen odeeffaannoo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise.
 
Daayreektarri jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa Koomishinar Dammallaash Gabra mikaa’eel daayreektara olaanaa Intalajansii Alaa Sudaan Kibbaa Meejar Jeneraal Toomaas Duuz waliin haala nageenyaa fi dhimmoota waloo biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
 
Marii kanaan dhaabbileen odeeffannoo kunneen daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa fi shororkeessummaa waliin ittisuu, akkasumas dhimmoota nageenya daangarratti qindoominaan hojjechuuf walii galaniiru.
 
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen akka ibseetti, meeshaalee waraanaa seeraan alaa gama Sudaan Kibbaan gara Ityoophiyaa galan ittisuun nageenya biyyoota lamaaniif faayidaa olaanaa waan qabuuf madda isaarraa gogsuuf odeeffannoo waljijjiirratti walitti dhiyeenyan kan hojjetamu ta’uu eereera.
 
Sosochii faayidaa biyyaalessaa miidhu kamiiyyuu fashaleessuuf hojiilee odeeffaannoo bu’ura godhate hojjechuurratti kan xiyyeeffatamu ta’uu ibsichi beeksiseera.
Hoggantoonni Dhaabbilee odeeffannoo biyyoota lamaanii dhimoota rakkoo nageenyaa ta’an daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa, shororkeessummaa fi yakka daangaa ce’aarratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.
 
Akkasumas aadaa fi duudhaalee ummattoonni biyyoota lamaanii waliin qaban caalmaatti cimsuuf waliigalteerra ga’aniiru.
 
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa muuxxannoo damichaan horate dhaabbilee odeeffaanoo Sudaan Kibbaaf leenjii ijaarsa dandeettii laachuuf haala kan mijeessu ta’uu daayreektarri jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa Koomishinar Dammallaash Gabra mikaa’eel ibsaniiru.
 
Dhimmoota nageenya naannoo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaan walqabatan irratti qindoominni akka jiraatu kan hojjetan ta’uu hoggantoonni biyyoota lamaanii marii isaaniin kaasuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa Ityoophiyaa ibsa ergeen eereera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment