Finfinnee, Mudde 14, 2017 (FMC)- Dhaabbileen Nageenyaa Itiyoophiyaa fi Jibuutii farreen nageenyaa ittisuurratti Humna Waloo hundeessuun waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Tajaajilli Dookumenteeshinii fi Nageenyaa Rippaabilikii Jibuutii farreen nageenyaa naannawaa daangaa biyyoota lameenii socho’an ittisuuf odeeffannoo waljijjiiruutti dabalataan humna waloo hundeessuun oppireeshinii gaggeessuu fi yakkamtoota waliif dabarsuuf waliigalteerra ga’uu tajajailichi beeksiseera.
Jilli Daayrektara Jeneraalaa Tajaajilli Dookumenteeshinii fi Nageenyaa Rippaabilikii Jibuutii Hasan Sa’id Kaayiraaniin durfamu daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa yoo dhufu, qondaaltota Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan simatamaniiru.
Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajilichaa Ambaasaddar Reedwaan Huseen, Hasan Sa’id Kaayiraa waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota nageenyaa, tasgabbii fi dameewwan walqabatan biroorratti walta’iinsa isaanii sadarkaa caalutti guddisuuf, yaaddoowwan biyyoota lameenii ittisuu fi tasgabbii naannawichaa mirkaneesuurratti xiyyeeffachuun mari’achuun eerameera.
Yakkoota daangaa ce’oo keessumaa daddabarsa namootaa seeraan alaa fi meeshaalee waraanaa dhaabuuf, godaansaa seeraan alaa ittisuurratti walta’iinsa isaanii cimsuuf waliigalteerra ga’uu eerameera.
Itiyoophiyaan rakkoolee nageenyaa daldalaa alaa karaa Buufata Jiuutiin taasisturratti mul’atan furuurrattis mari’achuu tajaajilichi ibsa Faanaa Dijitaaliif ergeen akeekeera.
#Oromia #Ethiopia