Dhaabbileen misoomaa mootummaa gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa gaggeessaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC) – Akkaataa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaan dhaabbileen misoomaa mootummaa gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa gaggeessaa jiraachuu ibsame.
Qaama olaanaa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa kan ta’e dhaabbileen misoomaa mootummaa bu’aa qabeessa, dorgommaa fi tajaajila si’ata laachuu akka danda’an taasiisuuf mariin guyyoota shaniif turu eegalameera.
Dhaabbileen misoomaa mootummaa fi Ejansii bulchiinsaa jalatti kan argaman Qonnaa fi Agroo Indaastiriin, Geejjibaa fi Loojastiksiin, Indaastiriin oomishaa fi Mahaandisummaa, Damee daldalaa fi Tajaajilaa, dhaabbileen Faayinaansii, Kominiikeeshinii fi Ijaarsaa raawwii hojii walakkaa waggaa bara hojii 2013 gamaaggamuu eegalaniiru.
Guyyaa har’aa raawwiin hojii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa fi Ityoo Teeleekoomii dhiyaachuun irratti mari’atamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment