Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa galii Mootummaa maddisiisuurratti hojjechuu qabu-Obbo Awwaluu Abdii.

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)- Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa bu’a qabeessummaasaanii guddisuun cinaatti carraa jiru fayyadamuun galii Mootummaa maddisiisuurratti ciminaan hojjechuu qabu jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Dhaabbilee Misooma Mootummaa ji’oota sadan darbanii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Awwaluun akka jedhanitti, dhaabbileen misoomaa waan hojjetan karoorsuun hojiirra oolchuuf yaaliin taasisan, galii maddisiisuu, carraa hojii uumuu, bu’aa qabeessa ta’uu fi dorgomaa ta’uurratti hojii jajjabeessaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Harcaatii karooraa fi humna jiru sirriitti beekanii karoorsuu, mootummaaf galii fi taaksii maddisiisuurratti sadarkaa eegamuun hojjechaa waan hinjirreef, xiyyeeffannaa kennanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Dooktar Adaree Asaffaa gamasaaniin biirichi aangoo kennameef bu’uureffachuun bulchiinsa invastimantii cimsuu, Dhaabbilee Misoomaa ga’oomsuu fi Qorannoofi Qo’annoorratti xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhan.

Bu’aa qabeessummaan Dhaabbilee Misoomaa akka guddatu taasisuu, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuun galmoota biirichaan qabaman ta’uu kaasanii, ji’oota sadan darbanitti Dhaabbileen Misooma Mootummaa bu’aa waliigalaa Birrii biiliyoona 1.5 argachuuf karoorfameen Birrii biiliyoona 2 argachuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment