Dhaabbileen Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojii bara 2015 qorachaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Dhaabbileen Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojii isaa kan bara 2015fi kallattii karoora bara 2016 qorachaa jiraachuu ibsameera.

Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni dhaabbilee misoomaa garaagaraa gamaaggamicharratti argamaniiru.

Kaayyoon gamaaggama kanaa raawwii hojii bara 2015 keessatti ciminaafi hanqina adda baasuun ciminoota caalaatti itti fufsiisuu hanqinoota fooyyessuun raawwii karoora bara 2016’f galtee taasisuuf ta’uu Hoogganaan Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Adaree Asaffaan ibsaniiru.

Gabaasni raawwii bara 2015 fi kallattii karoora bara 2016 dhiyaatu irratti mariin kan taasifamu yoo ta’u dhuma irrattis qaamota raawwii karoora bara 2015 keessatti gumaacha olaanaa taasisaniif beekamtiin kan kennamu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment