Dhaabbileen misooma Mootummaa bu’a qabeessummaafi dorgomaa ta’uu qabu-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC) – raawwiin Hojii Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 2017 kurmaana 1ffaa bakka Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti gamaaggamama jira.

Obbo Awwaluun gamaaggamicharratti haasawaa taasisaniin, dhaabbileen misooma Mootummaa bu’a qabeessummaa fi dorgomaa ta’uu irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhan.

Diinagdee biyyaa jijjiiruuf hoggansa tarsiimaawa kennuun badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf karoora xiiqii qabame milkeessuuf kutannoon hojjetamuu akka qabus himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment