Dhaabbileen mirga namoomaarratti hojjetan, mootummaan damicharratti hojii hojjetuuf deeggarsa kan taasisan ta’uun eerame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Dhaabbilee naannoo qabiinsa mirga namoomaa hojjetaan mootummaan hojii damichaatti raawwatamuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu eeraniiru.

Guyyaan mirgoota namoomaa idila addunyaa 71ffaan mata duree “ dargaggumma nageenyaa fi mirgoota namoomaa kabajuu” jedhuun kabajamaa jira.

Waltajicha irratti preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federelaa aadde Ma’azaa Ashanaafii fi Komishinarri komishinii Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaa dabalatee qamooleen damicharratti bobba’an hedduun hirmaataniiru.

Sirna kabaja kanarratti nageenyaa fi mirgoota namoomarratti mariin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti kan argaman preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federelaa aadde Ma’azaa Ashanaafii gama mootummaa Ityoophiyaan miidhaa mirga namoomaa raawwachaa akka ture kaasuun yeroo ammaa kana hir’acha jira jedhaniiru.

Ityoophiyaatti qabiinsa mirga namoomaa fooyyessuuf fooyya’insa seeraa dabalatee dambii ragga’uu kan ibsaan yoo ta’u, guutummaatti hojiirra akka ooluuf qaamni hunduu tumsuu qaba jedhaniiru jechuun Hayileyesuus Siyyumtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment