Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)-Haala olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraay wal qabsiisee dhaabbilee miidiyaa lixaa tokko tokkoo haalliitti gabaasaan itti gaafatamuummaan kan itti hanqateedha jechuun Raashiiyaan beeksiftetti.
Dubbi Himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakroovaa, duula birmadduummaa gaggeeffaama jiruu fi haala waqtaawaa biyyaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Dubbi himtuuttin ibsichaan gareen shororkeessaa ABUT yeroo amma kanas gara waraanaatti seenuun naannolee Affarii Amaaraa akasumas ollaarratti haleellaa raawwachuun deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabneef gufuu ta’uun sarara Ityoo-Jibuutii cufuuf haleellaa raawwachuu ibsaniiru.
Garichi daangaa darbee haleellaa raawwatee lammiileen kumaatamaatti lakka’aaman deeggarsi namoomaa isaan barbaachisuu akka hin argannee taasiseera jedhaniiru.
Raashiyaan Ityoophiyaanoonni dhimmoota keessoo Afrikaanootaa waliin ofii isaanii furuu murteessaa ta’uu akka qabuu na aman jechuusaanii ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Raashiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.