Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Dhaabbileen Liqiifi Qusannaa kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa deeggaruu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasee ibsan.
Dooktar Yinnaagar kana kan jedhan haasawaa sagantaa eegalchiisa hojii baankii Tsaday irratti taasisaniini.
Baankii Tsaday baankota haaraa hundeeffamaa jiran irraa adda kan taasisu maamiltoota miiliyoona 12 qabatee gara hojiitti galuu ta’uu eeraniiru.
Baankonni Ityoophiyaa waliigala maamiltoota liqii kuma dhibba 3 fi kuma 30 kan qaban ta’uu eeruun, maamiltoonni dhaabbilee liqiifi qusannaa garuu gara miiliyoona 6tti kan dhiyaatan ta’uu ibsaniiru.
Uummata bal’aaf tajaajila liqaa kennaa kan jiran dhaabbilee kanneen ta’uu kaasaniiru.
Walitti qabaan boordii baankichaa Obbo Gadduu Andaargaachoon gamasaaniin, Waldaan Liqiifi Qusannaa Amaaraa gara baankiitti kan cehu tajaajila liqaa kanaan dura kennaa ture addaan kutee osoo hin ta’iin haala fooyya’aafi hojiimaata ammayyaan kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.