Dhaabbileen lameen qorannoofi misooma namaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)-Inistiitiyuutiin Artifishaal Intalajensiifi Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa qorannoofi misooma humna namaarratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessuu ibsame.

Waliigaltichi misooma bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii fi misooma humna namaa digirii 2ffaa fi 3ffaa irratti waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu ta’uu Daayrektarri olaanaan Inistiitiyuutichaa Injinar Warquu Gaachanaa ibsaniiru.

Koomaandantiin Yuunivarsiitichaa Meejer Jeneraal Habtaamuu Xilaahuun gamasaaniin, waliigaltichi dhaabbileen lameen humna namaafi qabeenya qaban qindoominaan itti fayyadamuun milkaa’ina biyyaalessaaf waliin hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Waliigalticha hojiirra oolchuuf dhaabbilee lameenirraa koreen teekinikaa hundaa’ee gara hojiitti galuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment