Dhaabbileen lamaan waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa dhimoota waloo biyyaalessaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallateessan.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi Itti aanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa Obbo Taazeer Gabra’igzihaabeera waliigalticha mallateessaniiru.

Waliigaltichi hawaasa dippiloomaasii biyyoota garaagaraatti argaman waliin hojii odeeffannoo waljijjiiruu kan cimsu ta’uu eerameera.

Hojiilee dhimmoota Hidha Haaromsa Guddichaa fi naannawaa daangaan walqabatan tumsaan hojjechuuf kan gaargaaru ta’uu wayita waliigaltichaa eerameera.

Godaansa seeraan alaa, marii biyyoota ollaa waliin taasiifamu, nageenya lammiilee fi dhimmoota haala waqtaawaarratti tumsa jiru caalmaatti cimsa jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment