Dhaabbileen lamaan Afrikaatti manneen barnootaa akka banaman waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Fandiin Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaatti manneen barnootaa akka banaman waamicha dhiyeessan.
 
Dhaabbileen lamaan manneen barnootaa cufamanii turuun barattootarratti dhiibbaa kan qaqqabsiisu ta’uu ibsaniiru.
 
Mootummoonni vaayrasiin koroonaa akka hin babal’anne haala mijataa qulqullina eegsisuu dandeessisan akka uumanis gaafataniiru.
 
Barattoonni yeroo dheeraaf mana tursiifamuun hanqina nyaataa, miidhaa mana keessaa fi ulfa hin barbaachisneef saaxilamuu akka malan eerera.
 
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayreektarri Afrikaa Miitishiidiisoon manneen barnootaa Afrikaa daa’immaniif iddoowwan ggaggaarii ta’uu beeksisaniiru.
 
Hanga ammaatti biyyoota Afrikaa 6 qofatu manneen barnootaa guutummaan bane.
 
Biyyoonni muraasni ammoo weerarichi babal’achuu isaatin deebisanii cufaniiru.
 
Biyyoonni qormaata sadarkaa lammaffaa laatanis hin dhabamne.
 
Keeniyaan garuu cuftee turteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Maddi; BBC
Comments (0)
Add Comment