Dhaabbileen karoora, imaammataa fi tarsiimoo yeroo waliin deemu hojii irra oolchuu qabu-Dooktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Dhaabbileen karoora, imaammataa fi tarsiimoo ifa ta’e yeroo waliin deemu qabaachuun hojii irra oolchuu akka qaban Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsan.

Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa simpooziyeemii qorannoo waggaa marsaa 9ffaa gaggeessaa jira.

Simpooziyemicharratti Dooktar Tolaa Bariisoo, Pireezidantii Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa dabalatee hayyoonni, qorattoonni, qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni biroon hirmachaa jiru.

Dooktar Tolaa Bariisoon waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, hayyootni qorannoo gaggeessan nuffii malee miira gaariin qaama ilaallatuuf akka dhiheessan gaafataniiru.

Hojjattoonni manneen hojii mootummaas kenna tajaajilaa hawaasaaf kennan qorannoon deeggaruun kallattii akeekuun barbaachisaa ta’uu himaniira.

Dhaabbileen karoora, imaammataa fi tarsiimoo ifa ta’e kan yeroo waliin deemu qabaachuun hojii irra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.

Pireezidantiin Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa gama isaaniin, yuunivarsitichi hojii baruu fi barsiisuu gaggeessu cinaatti, humna raawwachiisummaa cimsuu fi manneen hojii mootummaa qorannoo fi leenjiin utubuun ceesisuun ergama biroo ta’uu eeraniiru.

Mul’ata Yuunivarsititichi bara 2025tti hoggansa gahoome horachuun manneen hojii mootummaa ceesisuuf qabatee jiru galmaan gahuuf qorannoowwan gaggeeffaman akka hojiitti hiikaman eeraniiru.

Simpooziyee kanaarraati qorannoowwan 16 dhihaachuun irraattii akka marri’atamu eerameera.

Muhaammad Guddataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment