Dhaabbileen Ityoophiyaa qulqullina oomishaa fi Tajaajilaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu – Pireezidaanti Saahilawarq

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015 (FBC) – Dhaabbileen Ityoophiyaa guddina biyyaa fi dorgommii idil-addunyaatiif ga’umsa horachuuf qulqullinaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Dhaabbileen Ityoophiyaa guddina biyyaa fi dorgommii idil-addunyaatiif ga’umsa akka qabaataniif qulqullina oomishaa fi tajaajilootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu jedhan.

Sagantaan Badhaasa Qulqullina Dhaabbilee Biyyaalessaa 9ffaan har’a Masaraa Guddichatti gaggeeffameera.

Dhaabbileen omishaa fi tajaajila kennan 40 ol ta’an istaandaardii idil-addunyaa adda addaatiin ga’umsa qabanis badhaasa qulqullinaa badhaafamaniiru.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen akka biyyaatti guddachuu, jireenya ummata jijjiiruu fi gabaa idil-addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf qulqullinarratti xiyyeeffachuun murteessadha jedhan.

Maddi: – TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment