Dhaabbileen idil Addunyaa Sagantaa Nyaataa manneen barnootaa magaalaa Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Dhaabbileen idil Addunyaa Sagantaa Nyaataa manneen barnootaa magaalaa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru daawwataniiru.

Jilli Hoggantoota Dhaabbilee Idil Addunyaa Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun durfamu kun hojiirra oolmaa sagantaa nyaata barattootaa kanneen daawwateera.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faraansayi Reemii Maarchiwaksi ,Sagantaan Nyaataa barattootaa magaalaa Finfinnetti hojiiraa oolaa jiru muxannoo kan ta’uudha jedhan.

Sagantichi qabxii barattootaa fooyyeessuuf shooraa olaanaa qabachuun eeraamuu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaan Nyaata barattootaa manneen barnootaa Magaalaa Finfinnee Sadarkaa idil Addyunyatti beekkamtii argachuun kan yaadatamudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment