Dhaabbileen idil addunyaa fedhii biyyoota Kibbaa guuturratti fooyya’insa dhugaa taasisuu qabu – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Dhaabbileen idil addunyaa fedhii biyyoota Kibbaa guuturratti fooyya’insa dhugaa taasisuu akka qaban Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin hubachiisan.

Obbo Dammaqaa Makonniin Dhaabbileen idil addunyaa fedhii biyyoota Kibbaa guuturratti fooyya’insa dhugaa taasisuu akka qaban walgahii Garee Biyyoota 77+ Chaayinaa Kuubaatti gaggeeffamaa jirurratti ibsaniiru.

Waltajjiin waliif tumsa biyyoota Kibbaas ce’umsa beekumsaafi teeknoloojii lafa qabasiisuun kalaqa guddisuufi misooma waaraa mirkaneessuuf gumaachuu qaba jedhan.

Itiyoophiyaan hojii diinagdee dijiitaalaan hojjetaa jirtu hirmaattotaaf ibsa taasiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment