Dhaabbileen Idil Addunyaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)- Embaasiiwwan biyyoota garagaraa fi Dhaabbileen Idil Addunyaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan.

Haaluma kanaan Gamtaan Awurooppaa gama miidiya hawaasummaa isaan baga nagaan Ayyaana Masqalaa geessaan jedheera.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Israa’eelis, hordoftoota amantii Kiristiyaanaa maraan bagaa Damaraa Masqalaan isin gahee jechuun ergaa dabarseera.

Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa akka ta’u Israa’eel akka hawwituu ibseera.

Haaluma walfakkaatuun Embaasiin Faransaay, ayyaanicha ilaalchisuun ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsuun hawwii gaarii qabuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment