Dhaabbileen hojii isaanii qorannoon deeggaruun guddina biyyaatiif ga’ee irraa eegamu ba’achuu qabu-Obbo Taaggasa Caafoo

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) –Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa dabalatee dhaabbileen biyyattii keessa jiran hojii isaanii qorannoon deeggaruun guddina biyyaatiif gahee irraa eegamu ba’achuu akka qaban Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasa Caafoo hubachiisan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Konfaransii 2ffaa Qorannaa Paarlaamaa gaggeessaa jira.

Obbo Taaggasaan, guddinaa fi badhaadhina biyyaaf hojiin qorannaa irratti hundaa’ee fi teeknooloojiin deeggarame iddoo olaanaa qabaachuu eeruun, manni marichaas hojii isaa qorannoon deeggaruun ergama qabate milkeessuuf konfiransii qorannoo paarlaamaa qopheessuusaa ibsaniiru.

Mana Marichaa dabalatee, dhaabbileen biyyattii keessa jiran hojii isaanii qorannoon deeggaruun guddina biyyaatiif ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qaban dubbataniiru.

Bu’aawwan qorannoowwan qorataman irraa argaman hojiirra oolchuun milkaa’ina hojii mana marichaatiif fayyadamuu qabnas jedhaniiru.

Biyyoonni garaagaraa rakkoolee isaan quunnaman qorannoon furuun guddina fidaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen konfiransicharratti ibsaniiru.

Haala qabatamaa amma jiruun guddina biyyattii mirkaneessuuf hojii qorannoon deeggarame hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ministeerri Barnootaas hojiiwwan qorannoon mana marichaa deeggaruun qindoominaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Konfiransii Waxabajjii 17 -18, 2014 guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti, miseensoonni mana marichaa fi qaamooleen dhimmi ilaallatu hirmaachaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment