Dhaabbileen garagaraa deeggarsa maaddii biyyaaf taasisaa jiru

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Dhaabbileen garagaraa deeggarsa maaddii biyyaaf taasisaa jiru.

Dhaabbileen garagaraa waamicha muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad maaddiif biyyaaf taasisaan walqabtee deeggarsa taasisaa jiru.

Bu’uuruma kanaan dhaabbileen 7 maaddii biyyaaf deeggarsa taasisaniiru.

Haaluma kanaan;

Baankii Awaash – Birrii miiliyoona 30

Waldaa Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa – Birrii miiliyoona 5

Liitidii Holdingii Asmaraa – Birri miiliyoona 10

Baankii Giloobaala Dabuubii – Birrii miiliyoona 5

Baankii Intarnaashinaalaa Addis – Birrii miiliyoona 5

Baankii Intarnaashinaalaa Niib – Birrii miiliyoona 10

Koorporeeshinii Manneen Federaalaa Gaggeessaa fi Hojjetaa- Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment