Dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee buqqa’aniif Birrii miiliyoona 29.5 deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 29.5 akaakuu fi maallaqaan taasiisaniiru.
Ministeerri Hojii fi Ogummaa dhaabbilee waamamtootaa 4 waliin ta’uun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Lammiilee qa’eef qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee biroo Birrii miiliyoona 25tti tilmaamamu laataniiru.
Deeggarsicha Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil Itti aanaa Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Sisaay Waldamikaa’eeliif laataniiru.
Yuunvarsiitiin hawaasas meeshaalee garaagaraa Birri miiliyoona 1.5 olitti tilmaamamu deeggarsaan laatera
.
Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee gama isaan Hoolata Birrii miiliyoona 3 ol baasan 500 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiiseera.
Salaam Asaffaa fi Alii Shumbaahiriitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment