Dhaabbileen garaagaraa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 4 ol gumaachan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Dhaabbileen garaagaraa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 4 ol gumaachuu ibsame.

Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee kitaabilee dargaggootaa fi maatii ispoortiirraa walitti qabe kuma 3 ol guyyaa har’aa mana kitaabichaaf gumaacheera.

Hogganaan biirichaa obbo Abrahaam Taaddasaan kitaabilee kanneen bakka bu’aa mana kitaabaa Abrihootiif dabarsanii laachuu TOI gabaaseera.

Bifuma walfakkaatuun Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee kitaabilee garaagaraa kuma 1 mana kitaabichaaf gumaacheera.

Sirni walharkaa fuudhiinsa kitaabilee kanneenii bakka preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Darajjee Ingidaa fi Hoggantuun Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuurizimii magaalaa Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasaaw argamanitti gaggeeffameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment