Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC)- Waldaan Atileetoota Oromiyaa, Ministeera Turizimii, Yuunivarsiitii Haramayaa fi Salaalee jiraattoota Godina Booranaa hongeen miidhameef deeggarsa Birrii miiliyoona 6.8 taasisaniiru.
Waldaan Atileetoota Oromiyaa miseensa isaarraa Birrii miiliyoona 1.5 walitti qabuun daakuu kuntaala 300 fi Zayita nyaataa liitira kuma 1 fi 200 deeggarsa taasiseera.
Ministeerri Turizimiis hojjattoota isaarraa Birrii miliyoona 1.2 walitti qabuun deeggarsa midhaan nyaataa taasiseera.
Haaluma walfakkaatuun Yuunivarsiitii Haramayaatti barattootaa fi hojjattoonni mindaa isaaniirraa Birrii miiliyoona 3.5 walitti qabuun deeggarsa yoo taasisuu, akkasumas, Yuunivarsiitiin Salaalees Birrii kuma 597 fi 926 deeggarsa taasisaniiru.
Itti Aanaan Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo, qaamolee hawaasa Booranaa hongeen miidhamaan deeggarsa taasisan galateeffachuu ragaan kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Boorana
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.