Dhaabbileen garaagaraa Birrii miiliyoona 13 ol ittisa weerara vaayrasii koroonaaf arjooman

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Dhaabbileen garaagaraa Birrii miiliyoona 13 ol ittisa weerara vaayrasii koroonaaf arjooman.

Waamicha biyyaalessaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf godhameen dhaabbileen garaagaraa guyyaa kaleessaa Birrii miiliyoona 13 arjoomaniiru.

Deeggarsa kanas koree biyyoolessaa maallaqaa fi dhiyeessiiwwan walitti qabuuf hundaa’eef laataniiru.

Haaluma kanaan Waldaan Oomishtoota Qorichaa fi Meeshaalee Yaalaa Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 8, akkasumas meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 7 fi kuma dhibba 2 fi kuma 47tti tilmaamamu gumaacheera.

Waldaan Aksiyoonii Faayinaansii Ityoo Liiz miiliyoona 1, fi kuma dhibba 6 fi kuma 80, dhaabbanni daldalaa Zaabloon miiliyoona 1, Waldaan Aksiyoonii Peetrooliiyeemii Biyyaaleessa birrii kuma dhibba 5 deeggarsa taasisuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarra argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment