Dhaabbileen ‘FARM AFRICA fi SOS SAHEL’ horsiise bultoota Godina Booranaaf deeggarsa margaa beelii kuma 19 ol laatan

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC)- Dhaabbileen ‘FARM AFRICA fi SOS SAHEL’ Aanoolee horsiise bultoota Godina Booranaa 4 keessatti deeggarsa margaa beelii kuma 19 fi 200 kennaniiru.

Dhaabbileen kunnee Aanoolee horsiise bultoota Areeroo, Waacille, Dhaasii fi Dubuluqi keessatti deeggarsa Margaa beelii kuma 19, 200 maatii dhibba 4 fi 50’f deeggaraniiru.

Deeggarsichi Birrii miiliyoona 5tti tilmaamama jedhameera.

Deeggarsi qindoominna dhaabbilee lamaaniin kenname hawaasa Bonaan miidhamee gargaaruuf ta’uu kan himan qindeessaa dhaabbata ‘SOS SAHEl’ Obbo Diida Jaarsoo fi Ogeettiin Dhaabbata ‘FARM SAHEL’  Aaddee Medaanit G/Mikaa’el rakkoon arginee tumsa qaamolee deeggartoota hundaa barbaada jedhaniiru.

Hawaasni deeggarsa kenname argatan qaamolee deeggaran galateeffachuun ammas deeggarsi dabalataa akka isaan barbaachisu himaniru.

Muuluu Waaqshuumeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment