Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Dhaabbileen ergitootaa fi abbootiin qabeenyaa haala waqtawaa biyyaa hubachuun shira diinagdee akka ittisan Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii waamicha dhiyeesse.
Wayita biyyattiin waraana biyya keessaa fi alaan weeraramaa jirtu kanatti ergitoonni fi abbootiin qabeenya shira diinagdee ittisuu akka qaban Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal waamicha dhiyeessaniiru.
Yeroo haadholiin daa’imman isaanii birmadummaa biyyaaf laachaa jiranitti qaamolee shira diinagdee uumaa jiran waloon ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa hamma oomishaa dabaluu fi qulqullina isaa eeggate gabaa addunyaaf dhiyeessuun dorgomaa akka ta’anii fi carraa hojii uumuun dirqama biyyaalessaa akka ba’an gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.