Dhaabbileen diimookiraasii sirnaa fi seera hordofuun kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf akka dhaabbatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Dhaabbileen diimookiraasii sirnaa fi seera hordofuun kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf akka dhaabbatan Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caffoon waamicha dhiyeessan.

“Gahee Dhaabbileen diimookiraasii ijaarsaa mootummaa keessatti qaban” mata duree jedhuun leenjiin hoggantoota olaanoo Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa fi dhaabbilee diimookirtaasiif kennamaa ture xumurame.

Leenjicharratti Afyaa’ii Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caffoo fi Afyaa’ii Ittaantuu Aadde Loomii Badhoo dabalatee Afyaa’iiwwan bulchiinsaa magaalotaa fi hoggantoonni dhaabbilee diimookiraasii hirmaataniiru.

Obbo Taaggasaa Caffoon akka jedhanitti, dhaabbileen diimookiraasii kabajamuu faayidaa biyyaa fi ummataaf dursa kennuun hojjechuu akka qaban, milkaa’ina ijaarsa mootummaaf gahee olaanaa akka qaban dubbatan.

Kanaafis mootummaan, dhaabbilee diimookiraasii walabummaa isaanii eeggachuun hojmaataa hojjechuu danda’an, gurmaaiinsa humna namaarratti fooyya’iinsaa taasisuun galmee mijataa uumuu qaba jedhaniiru.

Dhaabbileen kunneenis seeraa fi sirna hordofuun kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf tattaafachuun nageenyaa fi misooma biyyaaf gumaacha akka taasisan kan irraa eegamu ta’uu hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment