Dhaabbileen dhuunfaa barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa % 25 ol dabarsuu dadhabnaan sagantaan barnoota isaanii ni haqama – ATBL

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Abbaan Tayitaa Barnootaa fi Leenjii qajeelfama bara barnootaa 2016 eegalee dhaabbilee barnootaa olaanaa dhuufarratti dirqiin hojiitti hiikaman qopheessuu beeksiise.

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa yoo xiqqaate barattoota isaanii qormaata ba’umsaa fudhatan keessaa % 25 yoo darbuu dadhaban, qajeelfamni sagantaa barnootaa isaanii akka haqamu dirqisiisu hojiirra kan oolu ta’uu ibseera.

Qajeelfamichi qajeelfama haaraa qulqullina barnootaa eegsiisuuf qophaa’e ta’uu Abbaa Taayitichaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Hordoffii fi To’annoo Ogummaa fi Teeknikaa Obbo Kaffayaaloow Adinaw Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hanqinaalee jiran guutuun sadarkaa fi qulqullina isaanii eegsiisuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Qajeelfamichi ulaagaalee hedduu qabaatus madaalliin qormaata bu’umsaa isa tokko ta’uu dubbataniiru.

Kanaanis dhaabbilee barattoota isaanii qormaata ba’umsaaf dhiyeessan keessaa % 25 dabarsuu dadhabnaa sagantaan barnoota isaanii kan haqamu ta’uu eeraniiru.

Bara kana barattoota dhaabbilee dhuunfaa qormaata ba’umsaa fudhatan kuma 72 keessaa kanneen % 50 ol fidan barattoota kuma 12 fi 422 qofa ta’uu eeraniiru.

Kunis % 17.2 qofti darbuu isaanii agarsiisa jedhan.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment