Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa muraasni hojiilee deeggarsa namoomaa caalaa siyaasarratti xiyyeeffataniiru – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa muraasni hojiilee deeggarsa namoomaa caalaa siyaasarratti xiyyeeffachuu isaanii Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jiru keessaa % 70 mootummaan osoo uwwifamaa jiru yaa ta’u jedhamee ololli sobaa adeemaa jiraachuu Ministir Deettaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan ibsa laataniin eeraniiru.

Ololichi ammallee cimee itti fufuu kaasaniiru.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa biyyoota Lixaa deeggarsa dhiyeessuu caalaa himannaa bu’uura hin qabnerratti xiyyeeffachuu obbo Kabbaddaan eeraniiru.

Deeggarsi namoomaa akka hin barbaachifneetti ololli ooffamus naannoo Amaaraa fi Afaariitti lammiileen hedduun deeggarsa namoomaa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu himaniiru.

Mootummaan naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti loogii malee deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu Ministir deetichi dubbataniiru.

Dhaabbileen deeggartootaa tokko tokko deeggarsa dhiyeessuu caalaa bu’aa siyaasaaf dursa laachaa jiraachuu kaasaniiru.

Halleellaa gareen shororkeessaa lammiilee nagaarraatti raawwataa jiru balaaleffachuu caalaa gara mootummaatti fiduuf carraaqqiin taasiisan jiraachuu eeraniiru.

Miidiyaaleen biyyoota Lixaa Labsiin yeroo ariifachiisaa Magaalaa Finfinneetti eenyummaarratti xiyyeeffachuun lammiilee  hirirsaa jira jechuun olola dhugaarraa fagaate afarsaa jiraachuu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuu fi Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment