Dhaabbileen Chaayinaa Ityoophiyaatti damee albuudaarratti akka bobba’aniif waliigalteerra ga’amuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Chaayinaa haaraan Ityoophiyaatti damee albuudaarratti akka bobba’aniif waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zhaawu Zhiwaan waliin damee albuudaarratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Injinar Taakkalaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Ambaasaaddara Chaayinaa Zhaawu Zhiwaan waliin haala hirmaannaa dhaabbilee Chaayinaa Ityoophiyaatti damee albuudaarratti bobba’an cimsuun danda’amuu fi dhaabbilee haaraan bobba’uu danda’anirratti mari’achuu eeraniiru.

Damichaan waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uus ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment