Dhaabbileen bu’aa qabeessummaa invastimantii guddisuurratti xiyyeeffachuun guddina qabatamaaf hojjechuu qabu- Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Dhaabbileen bu’aa qabeessummaa invastimantii guddisuurratti xiyyeeffachuun guddina qabatamaaf hojjechuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen.

Haala karoora misoomaafi invastimantii bara giddugaleessaa( 2016-2018) Sagantaa Bajataa marsaa 5ffaa waliin wal simsiisuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Waltajjichaan karoorra waggoottan 10 waggoota sadii dura hojiirra ooleen bu’aalee hedduun galmaa’uu akkasumas rakkoolee hedduun guddina diinagdeetti qormaata ta’uu ibsameera.

Rakkooleen uumamaafi nam-tolcheen, diinagdeen gooroo walbuusuun, qaala’iinsi gatii, dhiibbaan idea, waraanni akkasumas waraanni Raashiyaafi Yuukreen diinagdee biyyattiirratti qormaata ta’uu eerameera.

Diinagdeen biyyattii rakkoolee kanneen dandamachuun guddina argisiisuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan, mootummaan dhiibbaa rakkoolee kanneenii hir’isuufi guddinni akka galmaa’uuf hojiilee gurguddoo hojjechuu kaasaniiru.

Bara giddugaleessaa 2016-2018 karooraa invastimantii paabilikii Ministeera Pilaanii fi Misoomaan qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Kunis, faayinaansii waliin qindeessuun sagantaa marsaa 5ffaa waliin walitti hidhuun hojjechuu fi sirnicha hojiileen cimsuu gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Qophii karoora misoomaa fi invastimantii bara giddugaleessaan bu’aalee eegaman irratti dhaabbileen raawwachiistotaa fi dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo waloo qabaachuun eerameera.

Karooricha qulqullina barbaadamuun akka qopheessaniif waltajjiin hubannoo, Ministeera Pilaanii fi Misoomaa fi Ministeerri Maallaqaan waloon gaggeeffamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen bu’aa qabeessummaa invastimantii mootummaarratti xiyyeeffachuun guddina qabatamaaf hojjechuu akka qaban Obbo Ahimad Shideen hubachiisaniiru.

Baajata sagantaa Marsaa 5ffaa, baajataa karoorichaa, faayinaansii fi mootummaa waliin walsimsiisuu fi sirna ijaaruun akka barbaachisus himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment