Dhaabbileen BLTO guddina biyya tokkoof wiirtuu lafee dugdaati – aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Sadaasa 27, 2013 (FBC) – Itti Aantuu Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qindeessitu Kilaastara magaalaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii Leenjii Leenjistoota Dhaabbilee BLTO Oromiyaa torban tokkoof kennamaa tureerratti argamuun yaada guduunfaa leenjichaa kennaniru.
Aadde Caaltuun Dhaabbileen BLTO guddina biyya tokkoof wiirtuu lafee dugdaati jedhan.
Leenjiin Leenjistootaa/TOT/Dhaabbilee BLTO Oromiyaaf kenname kun waliin tahiinsa Biiroo BLTO Oromiyaa fi Giddu-gala Misooma Intarpirenarshiippii/EDC/dhaan kan qophaa’e yoo tahu leenjistoonni kolleejota BLTO Oromiyaa leenjicharratti hirmaachaa turan beekumsa kanaan dura qabanitti dabalataan muuxannoo hojii gara fuuldura keessatti isaan gargaaru argachuu Faanaa Biroodkaastiingi koorporeetitti himaniiru.
Dargaggoonni naannoo Oromiyaa osoo hojii hintuffatin ogummaa qabaniin hojjetanii ofii fi maatii akkasuma biyya yoo kan jijjiran tahe sabboonummaan kana caalu hinjiru kan jedhan Aadde Caaltuun garuu kutannoo barbaada jedhaniru.
Obbo Taayyee Danda’aa itti gaafatamaan sab-qunnamtii waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa gama isaanitiin Dhaabbileen BLTO Oromiyaa iddoo dargaggeessi itti leenji’u qofa osoo hintaane iddoo itti hojii uumee ba’u tahu qaba jedhaniru.
Itti aanaan hogganaa biiroo BLTO Oromiyaa obbo Adam Kamaal gama isaanitiin hiyyummaa abaarsaan cabsuun hindanda’u kanaaf hojjechuu barbaada jedhaniru.
Dhumarratti leenjiin leenjistoota Dhaabbilee BLTO Oromiyaaf torban tokkoof magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti kennamaa ture kun yaada goolabaa”warraaqsa misooma intarpirenarshiippii uumuun badhaadhina maatii ni mirkaneessina “jedhuun goolabameera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment