Dhaabbileen biyya keessaa 3 heyyama Tajaajila Geejjiba Maltii Moodaal argatan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Dhaabbileen biyya keessaa 3 heyyama Tajaajila Geejjiba Maltii Moodaal kennuuf isaan dandeessisu argachuu ibsameera.
Dhaabbileen kunneen waraqaa mirkaneessa ga’umsaa Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeerraa fudhataniiru.
Waldaan Itti Gaafatamummaa isaa murtaa’e Paanaafiriik, Xiqur Abbayii fi Koosmoos ulaagaa dorgommii Maltii Moodaal Sheer Kaampaanii guutuun eeyyama tajaajila Geejjibaa argachuu isanaii ibsameera.
Tajaajila Loojistiksii Itiyoophiyaa dorgomaa taasiisuuf hirmaannaan damee dhuunfaa olaanaa ta’uu Dooktar Alamuu Simeen eeraniiru.
Qajeelfamni Dhaabbileen dhuunfaa tajaajila Loojistiksii keessatti akka hirmaatan eeyyamu qophaa’uu eeraniiru.
Akkaataa qajeelfamichaanis dhaabbilee dhuunfaa kanneeniif eeyyama tajaajila Geejjibaa kennineera jedhan.
Dhaabbileen beekkamtii fi eeyyama argatan itti gaafatamumma isaanii sirnaan bahachuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment