Finfinnee, Bitootessa 15, 2015(FBC)- Dhaabbileen Beelaaruus Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa keessatti konkolaattota albuuda baasuuf oolan , qaamolee mootaraafi meeshaalee yaala fayyaa oomishuuf fedhii qabaachuu ibsameera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akililuu Taaddasaan bakka bu’oota dhaabbilee kanneenii waliin mari’achuu ibsameera.
Korporeeshinichi hojiilee invastimantii isaanii dhugoomsuuf deeggarsa kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.
Korporeeshinichi tajaajiloota invastimantii, paarkiiwwan indaastirii sadarkaa addunyaatti ijaaruun bulchu akkasumas haalota mijatoofi carraawwan invastimantii irratti bakka bu’oota dhaabbilee kanneeniif ibsi taasifamuu eeramera.
Dhaabbileen kunneenis hojiilee irratti bobba’uu barbaadanitti ragaalee dhiyeessuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Yeroo ittaanuttis parkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessa seenuun oomisha isaanii oomishuu haala danda’anirratti hojiilee invastimantiin duraa kan hojjetan ta’uu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.